Publicidade

Poder de decisão

Por Bíblia Online

Deus nos deu o poder de escolher. A Bíblia mostra que nossas decisões têm consequências eternas e nos chama a escolher sabiamente — a vida, a fé e o caminho de Deus.

A responsabilidade de escolher

Escolhei hoje a quem servireis. Cada decisão molda nosso destino, e Deus nos convida a escolher o caminho da vida e da obediência.

Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna."

Iyyaasuunis deebisee, "Isin akka Waaqayyoon tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu" jedheen.

Isaanis deebisanii, "Eeyyee, nu dhugaa baatota" jedhan.

"Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!

Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.

Decisões e consequências

Deus retribuirá a cada um segundo as suas obras. As Escrituras nos alertam que a mornidão espiritual e a resistência ao Espírito têm consequências sérias.

Waaqni, "Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna." Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata.

"Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.

Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.

Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.

"Yeroo xinnoo keessatti,

inni dhufuuf jiru ni dhufa;

hin turus."

Akkasumas,

"Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata.

Kan duubatti harkifatu immoo

ani itti hin gammadu."

Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.

Decisão e fé

Decida com fé, entregue seus planos ao Senhor e aja com determinação. Deus guia os passos de quem se achega a Ele de coração.

Ixaan gudeeda irratti buufama;

murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.

Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;

garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.

Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf,

ani hin salphifamu.

Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera;

ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.

Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.

Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa. Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna.

Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.

Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa. Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

Graziela Milhorance
1 pessoa deu Amém
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-