Protecção e segurança
Deus é nosso protetor e refúgio seguro. Em todas as circunstâncias, a Bíblia nos assegura que o Senhor guarda, sustenta e protege aqueles que nele confiam.
Deus, a nossa fortaleza
O Senhor é refúgio e fortaleza, socorro bem presente na angústia. Quem habita no esconderijo do Altíssimo descansa à sombra do Todo-Poderoso.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Nami gollaa Waaqa Ol Aana’aa jala le’u,
ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande’uu jalatti foorfatu,
Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,
Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
Inni koola ifiitiin si golla;
baala isaa jalatti baqatta;
addatamummaan isaa wonte’ee fi
kushee si’iif hin te’a.
Kum tokko cinaa teetitti,
kum kudhan midda keetitti hin jigan;
ammoo si hin tuqanu.
Ati Mootii Waan Maraa addee itti baqattu,
Waaqa Ol Aanaa mana keeti waan godhatteef,
wonni hantuun sitti hin dhuttu;
balaan qe’ee teetitti hin dhikaatu.
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,
addee itti baqatanu;
yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.
O escudo do Senhor
Deus nos rodeia com sua proteção como um escudo. Ele é rocha, baluarte e libertador. Sua fidelidade nos cobre e nos guarda.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya;
ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si’i.
Ee Mootii Waan Maraa,
diinoti kiyya attam attam bacatan!
Kolbaan hedduun na irratti kaateerti.
Worri hedduun,
«Waaqi isa hin baasu» anaan jedhan.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya;
ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si’i.
Ani qoonqoo ol qabadhee
gara Mootii Waan Maraa hin iyya;
innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage’a.
Ani irkadhee hin rafa; Mootiin Waan Maraa
waan na eeguuf,
deebi’ee hin dammaqa.
Ani loltoota kuma hedduu
ka na marsaneeranu
hin sodaadhu.
Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;
jechi Mootii Waan Maraa dhuga’a;
worra isatti baqatuuf, inni wonte’e.
Wontee teeti ta fayyinnaa naa kennitee,
harki keeti middichi na qarqaare;
qarqaarsi keeti guddaa na godhe.
Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhitte;
miilli kiyya hin mucucaanne.
Rassaan kiyya,
ka harka kiyya lolaaf,
quba kiyya woraanaaf leenjisu,
Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.
Inni Waaqa kiyya ka nama jaalatu,
kushee tiyya jadduu,
dalleya dhaka’aa kiyyaa fi fayyisaa kiyya,
wontee tiyya ta ani itti baqadhu,
ka kolbaa tiyya hedduu
na jalatti akka ajajantu godhu.
Ati moototaaf injifachaa kennita;
tajaajilaa keeti Daawitille
shallaagaa ijjeesu jalaa hin hamburta.
Worri gara keeti baqatu marti ammoo
gammaduu ti;
isaan haga bara baraa ilillisanuu ti.
Worri maqaa keeti jaalatu marti si’itti
gammadee akka firinxiixu isaan eegi.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati balchoota hin eebbitta;
fedhii teeti dansa’aan
akka wonte’ee isaan marsi.
Ee Waaqa, ati waan naa dhageettuuf,
ani si waammadha;
gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,
jecha kiyya dhage’i.
Worra sitti baqatu,
harka keeti middichaan
diinota isaanii jalaa isaan ka baachu,
jaalala keeti ka bara baraa san
baasa godhii isaanitti mudhisi.
Akka ila teetii na eegi;
bobaa teetii jalatti na dhossi.
Hamaaleyyii hunnaan na irratti ka’ane,
diinota kiyya worra hamaa na marsane irraa na eegi.
Mootichi Mootii Waan Maraatitti addata;
sababa jaalala bara baraa ka Waaqa Ol Aana’aatiif,
inni hin raafamu.
Harki keeti diinota keeti mara hin dhowa;
harki keeti middichi worra si jibbu hin qaba.
Ati yennaa mudhattu,
akka barbada ibiddaa isaan gudda.
Mufii teetiin isaan hin fixa;
ibiddi isaan luxub godha.
Ati addee ani itti dhokadhu;
ati rakkinna irraa na eedda.
Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite.
Segurança e provisão
O Senhor supre todas as necessidades dos seus filhos. Quem busca o Reino primeiro não precisa temer — nada faltará aos que temem ao Senhor.
Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;
ani womaa hin dhabu.
Dardarooti neenqaatuu dhabanee hin beelotan;
worri Mootii Waan Maraa barbaadu ammoo
waan dansaa hin dhabu.
Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi;
biyya keessa nageyaan le’i.
Ani dur dargageessa; amma dulloomeera;
ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun,
yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun
ijjumaa dhaggee hin beeku.
Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.
Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.
Dursa’aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada’a; tun martinuu isiniif hin kennanti.
Isin ammoo akka isaanii hin te’ina’a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.
Yesuus itti dabalee, «Gaafadha’a, isiniif hin kennanti; barbaada’a, hin dhaggattanille’e; balbala dhodhowa’a isiniif hin bananti. Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
Guarda e livramento
O anjo do Senhor acampa ao redor dos que o temem e os livra. Deus promete guardar todas as nossas saídas e entradas para sempre.
Ergamaan Mootii Waan Maraa
adaala worra isa sodaatuu hin qubata;
inni balaa jalaa isaan hin baasa.
Mootiin Waan Maraa
jiruu tajaajiltoota ifii hin woda;
worra gara isaa baqatu keessaa
tokkolle’etti yakkaan itti hin murantu.
Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;
qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?
Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba’aa fi lafa dade,
Mootii Waan Maraa biraa dhufa.
Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;
ka si eegu hin mugu.
Dhugumaan, ka Israa’el eegu
hin mugu; hin rafulle’e.
Mootiin Waan Maraa si eega;
Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti;
inni midda keeti jira.
Guyyaa aduun,
halkan jiin si hin miidhu.
Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,
ati na eegi.
Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,
ati na eegi.
Mootiin Waan Maraa
fuula kiyya dura akka naaf jiru,
ani yennaa mara hin beeka.
Inni midda kiyya waan jiruuf,
ani hin raafamu.
Mootiin Waan Maraa
fuula kiyya dura akka naaf jiru,
ani yennaa mara hin beeka.
Inni midda kiyya waan jiruuf,
ani hin raafamu.
Guyyaa rakkinna keetii
Mootiin Waan Maraa si’iif dhage’u!
Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu!
Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa
qarqaarsa si’iif ergu;
gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu.
Na eegi; na baasi;
Ani waan sitti baqadheef,
akka ani fokkifadhu na hin godhin.
Ani addi’iin waan si eegadhuuf,
addatamumma’aa fi qajeelummaan na eeganuu ti;
Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu’aa hin qanne;
jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande’u.
Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,
worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.
Inni du’a irraa isaan hambura;
bara beelaalle jiru’uun isaan eega.
Lubbuun teenna addi’iin Mootii Waan Maraa eegatti;
inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle’e.
Confiança inabalável
Melhor é confiar no Senhor do que confiar no homem. Quem anda em integridade anda seguro, e a torre forte do nome do Senhor protege o justo.
Mootiin Waan Maraa
na woliin jira; ani hin sodaadhu;
nami maan na godhuu dande’a?
Namatti addatiisaa mannaa,
gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.
Mootiin Waan Maraa
akka xelleephoo jaddu’uu ti;
worri balchooleen
itti baqatanee bayan.
Mootiin Waan Maraa
akka xelleephoo jaddu’uu ti;
worri balchooleen
itti baqatanee bayan.
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu
kushee jadduu qaba;
ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.
Mootiin Waan Maraa addii waan sii te’uuf,
miila keeti tiyyoo irraa hin eega.
Nami haqaan ideemu nageyaan le’a;
nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo
hin saaxilama.
«Jechi Waaqaa marti dhuga’a;
inni worra gara isaa baqate maraaf wonte’e.
«Jechi Waaqaa marti dhuga’a;
inni worra gara isaa baqate maraaf wonte’e.
Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;
hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.
Nami balchaan haga quufutti nyaata;
nami hamaan yennaa mara beelota.
Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,
beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.
Inni worra qajeela’aaf, qarummaa kenna;
worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te’a.
Inni daandii haqaa hin toowata;
karaa worra isaaf addatamuulle hin eega.
Nami qalbeeffataan waan hantuu dhaggee duraa baqata;
nami hubantii hin qanne ammoo ittuma ideemee,
rakkoo keessa seena.
Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan;
ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,
waan mara caalaa
qalbii teeti eegadhu.
A presença protetora
O Senhor prometeu estar conosco e nunca nos desampara. Ele é como sombra à nossa direita e fortaleza em todo o tempo.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha’a; jajjabaadha’a; isaan hin sodaatina’a yookiin hin bararaqina’a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
Waaqi bara baraa addee isin itti baqattanu;
irreen isaa ta bara baraalle isin utuddi.
Inni diinota keessan isin duraa ari’aa,
‹Isaan balleessa’a› hin jedha.
Marroo gosa Beniyaamii,
«Ka Mootiin Waan Maraa jaalatu,
sodaa malee jiraata.
Inni guyyaa mara itti waan gombobuuf,
bobaa isaa jala jiraata» jedhe.
Mey woraanaa
ka si balleessiisaaf qophowe,
si miidhuu hin dande’u;
worra si himatu mara
hin injifatta.
Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti;
injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.
Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,
waan inni sitti addateef,
ati nageya guutu’uun isa hin eedda.
Haga isin dulloontanee arrii baatanutti
ka isin ba’atu ana;
ani isin dadeera; isin hin ba’adha;
isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.
Akkuma sinbirreen koola ifii badhifattee mana ifii irratti gombooddu, akkasuma Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade Yerusaalemitti hin gombooba; isi’itti gomboobee hin baasa; gubbaa irra dabaree isii hin hambura.
Dansaa godhiisa baradha’a; haqa barbaada’a; worra cunqurfame qarqaara’a; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qarqaara’a; haadha hiyyeessaatiif falma’a.
Tole jettanee yoo naaf ajajantane, waan dansaa latti baattu hin nyaattan. Diddanee yoo na finqiltane, shallaagaan isin hin nyaata› jedhee ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera» jedhe.
Mootiin Waan Maraa isiniif waan loluuf itita’a» jedhe.
Waaqi dansa’a;
yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.
Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;
Promessas de cuidado
Deus garante que nem um fio de cabelo cairá sem sua permissão. Ele deseja que vivamos em paz, confiança e segurança total nele.
Sinbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee sinbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan» jedhe.
Dhugeeffanna’aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe.
Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba. Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkolle hin badu. Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan» isaaniin jedhe.
Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate.
Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane.
Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande’a?
Maarre sodaa malee,
«Goottaan gargaaraa kiyya,
ani hin sodaadhu;
nami maan na godhuu dande’a ree?» hin jenna.
Maarre Waaqaaf ajajama’a; Seexana ammoo morma’a, innille isin baqata.
Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi’ii me rannuu ti.
Fidelidade e aliança
Deus é fiel à sua aliança. Ele protege cada promessa que faz e guarda os seus como a menina dos seus olhos.
Goottaan ammoo addatama’a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega.
Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.
Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage’a. Waan isa gaafannu mara akka inni nu’uu dhage’u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna.
Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu’uuf hin dande’u.
Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu’u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati naaf kennitelle tokko akka te’anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi. Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati naaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummowuuf, isaan keessaa ilma badi’ii malee, tokkolle ka bade hin jiru.
Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu.
Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu?
Waaqa keenna malee rassaan eennu?
Akka si duratti haga bara baraa jabaatee le’u, maganne’e sanyii tajaajilaa keetii ammalle eebbisi! Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tana atuu waan dubbatteef, eebba keetiin sanyiin tajaajilaa keetii haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.
Achiin duuba mootummaa Damaasqo’oo Aaram keessatti quttuma loltootaa godhate; worri Sooriya’aa tajaajiltoota isaa te’anee isa gabbarane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
Lafa ati dhaxxe maratti si woliin jiraayyu; diinota keeti maralle fuula keeti duraa balleesse. Ammalle akka maqaa namoota gugurdaa biyya lafaa keessaa akka maqaa tokkochaa maqaa keeti hin godha.
« ‹Lafa irra nageyaan akka leetanu, seerata kiyya eegadha’a; seera kiyyaaf ajajamiisaafille ifi eegadha’a.
Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa
dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin
waan tokkolle hin godhu.
Provisão diária
Deus satisfaz os desejos do coração dos seus filhos. Ele abençoa, renova as forças e sustenta dia após dia quem nele confia.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati marartii teeti na hin dhooggatin;
jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teeti
yennaa mara na eeganuu ti.
Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,
addee ani itti baqadhulle waan teeteef,
marroo jabeenna keetiitii fi
marroo jaalala keeti ka bara baraa
ganama mara hin faarfadha.
Mootichi ammoo
Waaqaan hin gammada;
worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti
Waaqa hin leellisa;
afaan worra dharaameyyi’ii hin cufama.
Waaqaaf faarfadha’a;
faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha’a;
ka duumensa irra deemu saada’a;
maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;
isa duratti ilillisa’a!
Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;
ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;
haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.
Goottaan, Waaqi fayyisaan keenna,
ka guyyaa mara ba’aa teenna ba’atu,
leellifamuu ti.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan,
ka lafa Gibxi’ii keessaa isin baase;
afaan keessan badhisa’aatii banadha’a;
anille hin guuta.
Mootiin Waan Maraa
Waaqi akka adu’uu tii fi akka wonte’ee ti;
inni fudhatamaa fi
ulfinna akka dhaggatanu hin godha.
Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne,
waan dansaa hin dhooggatu.
Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,
waan hantuu jibbuu ti;
inni lubbuu worra addatama’aa waan eeguuf,
harka worra hamaaleyyi’ii jalaa isaan hin baasa.
Mootiin Waan Maraa
worra gad ifi qabu hin eega;
yennaa ani gad qabame, inni na qarqaare.
Mootiin Waan Maraa
waan dansaa waan si’iif godheef,
ee lubbuu tiyya, gara foora keetii deebi’i.
Ee Mootii Waan Maraa,
lubbuu tiyya du’a irraa,
ila tiyya imimmaan irraa,
miila kiyya gufatiisa irraa hamburte.
Maarre ani Mootii Waan Maraa dura,
lafa worra jiraata’aa keessa ideema.
Ati addee ani itti dhokadhu;
wontee tiyyalle’e.
Ani jecha keetitti addii godhadha.
Mootiin Waan Maraa
mana yoo hin ijaarin,
worri mana ijaaru
akkasumaan itti elowan;
Mootiin Waan Maraa
qachaa yoo hin eegin,
eeddoti qacha’aa akkasumaan elowan.
Maatii Daawitii keessaa
mootii hin muuda;
ka muude saniif akka inni bulchu
karaa hin qopheessa.
Diinota isaa qaanii itti hin uffisa;
kallachi isa irraa ammoo
hin balaqqisa» jedheera.
Mootii Waan Maraa,
ati yaada keeti mara
naaf hin muummessita;
ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa ti;
hujii harka keetii ati hin lakkisin.
Ati harka keeti diriirsitee,
halchaa waan lubbuu qabu maraa
hin quussita.
Inni worra cunqurfameef
haqaan mura;
worra beeloteef sagalee kenna.
Mootiin Waan Maraa
worra hidhame bilisa baasee,
worra ballaa ila bana.
Worra gad jedhe ol qaba;
worra balchaa jaalata.
Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;
inni ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee fi
haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;
karaa worra hama’aa ammoo hin balleessa.
Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu,
si qofa waan te’eef,
ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.
Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha’a.
Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha’a.
Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te’in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te’ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba’aatiin mormiisa.
Nami Waaqa hin saamaa? Te’uu malee isin na saamiisatti jirtan! Isin ammoo, ‹Attamiin si saamiisatti jirra?› jettanee hin gaafattan; isin kudhan keessaa tokko kennuu dhabiisaan, kennansa kennuu dhabiisalle’een na saamiisatti jirtan. Isin, gosi teessan martinuu na waan saamiisatti jirtanuuf, isin abaarantaneertan. Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha’a! Ani foddaa ol-gubba’aa banee, eebba irraan dhangala’u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala’a!
« ‹Ani isaan, addee adaala gaara kiyyaalle hin eebbisa; yennaa eegatee bokkeenni akka roobu hin godha; bokkeenni sun bokkeya eebbaa hin te’a.
Akkuma beeseen gollaa namaaf teetu, qarummaalle gollaa namaaf teeti; irra caalaa ammoo qarummaan jiruu nama isii qabuu hin eeddi.
Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le’anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.
Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi’ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.
Ani worra dadhabe, hunna isaanii hin haaressa; worra beelaan gaggabe hin quussa» jedha.
Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne’een natti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande’u addadheera.