Pular para o conteúdo
Publicidade

Raiva

Por Bíblia Online

A raiva é uma emoção humana que a Bíblia trata com seriedade. Irar-se não é pecado em si, mas a ira descontrolada destrói relacionamentos e abre porta para o mal.

Controlar a ira

A Bíblia nos exorta a ser tardios para irar-se. A resposta branda desvia o furor, e o que se controla é mais forte que um guerreiro.

Dhagaʼuu fi Hojii Irra Oolchuu

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;

Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;

jechi hamaan garuu aarii kakaasa.

Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;

kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna;

ogeessi garuu of qaba.

Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;

namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.

Irar-se sem pecar

Paulo ensina: irai-vos, mas não pequeis. Não deixe o sol se pôr sobre a vossa ira, para não dar lugar ao diabo.

"Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;" utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin; diiyaabiloosiifis carraa hin kenninaa.

Lola irraa fagaachuun ulfina;

gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.

Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu

warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.

Amor e perdão acima da raiva

O amor cobre multidão de pecados. A Bíblia nos chama a não alimentar rancor, mas a perdoar e amar, vencendo a raiva com compaixão.

Jibbi lola kakaasa;

jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.

" Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.

" Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.

Innis itti fufee akkana jedhe: "Wanni nama xureessuwaan nama keessaa baʼuu dha. Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja, doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa. Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ni xureessu.’ "

Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.

"Namni tokko yoo niitii isaa hiikee

isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte,

inni lammata isheetti deebiʼaa?

Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu?

Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta;

taʼus amma gara kootti deebiʼi?"

jedha Waaqayyo.

"Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali.

Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa?

Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti

warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse;

sagaagaltummaa fi hammina keetiin

biyyattii xureessiteerta.

Kanaafuu tiifuun ni ittifame;

birraa keessa illee bokkaan hin roobne.

Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda;

qaanaʼuus ni didde.

Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee?

Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,

ati yeroo hunda ni aartaa?

Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?

Ati akkasitti dubbatta;

garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta."

Israaʼel Amanamummaa Dhabde

Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; "Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte. Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite. Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite. Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite. Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine" jedha Waaqayyo.

Waaqayyo akkana naan jedhe; "Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha. Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi:

" Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼijedha Waaqayyo;

Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu;

ani araara qabeessaatiijedha Waaqayyo.

Ani bara baraan hin dheekkamu.

Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte,

akka mukkeen lalisoo hunda jalatti

jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde,

balleessaa kee sana qofa himadhu’ "

jedha Waaqayyo.

"Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa" jedha Waaqayyo; "ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti," jedha Waaqayyo, "Namoonni siʼachi, Taabota kakuu Waaqayyoohin jedhan." Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu. Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan. Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.

"Ani mataan koo akkana nan jedhe;

" Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti

si fudhadhee biyya namatti toltu,

dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.

Ani waan ati, Abbaa kojettee na waamtuuf,

waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.

Yaa mana Israaʼel,

ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo,

anaaf hin amanamne turte"

jedha Waaqayyo.

Isaan karaa isaanii jalʼisanii

Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif

gaara duwwaa irratti iyyi,

booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.

"Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa;

ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii."

"Kunoo, nu gara kee ni dhufna;

Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.

Dhugumaan wacni gaarranii fi

tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha;

dhugumaan fayyinni Israaʼel

harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.

Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan,

buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa

jechuunis bushaayee fi loon isaanii,

ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.

Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu;

salphinni keenyas nu haa haguugu.

Nus abbootiin keenyas Waaqayyo Waaqa keenyatti

cubbuu hojjenneerra;

nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti

Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne."

Luciano Januzelli
1 pessoa deu Amém