Recompensa
Deus recompensa os que o buscam com fé. A Bíblia está repleta de promessas de recompensa para os fiéis, os generosos, os perseverantes e os que servem ao Senhor de todo coração.
Deus recompensa a fé
Sem fé é impossível agradar a Deus, porque quem dele se aproxima precisa crer que Ele existe e recompensa os que o buscam diligentemente.
Dhugeeffanna’aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande’amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te’e dhugeeffatuu qaba.
Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru’uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.
Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.
Garuu achuma keessattuu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti’iin yoo barbaadattane, isa hin dhaggitan.
Yesuus itti dabalee, «Gaafadha’a, isiniif hin kennanti; barbaada’a, hin dhaggattanille’e; balbala dhodhowa’a isiniif hin bananti.
Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha’a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
Recompensa pelo serviço
O Senhor vê cada ato de fidelidade e promete galardão aos que servem com dedicação. O servo bom e fiel será honrado.
Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen.
Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta’aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha’a. Sababille Goottaan dhaala ol-gubba’aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos.
Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha’aa dhaabbadha’a. Waan tokkolle’een hin daaqina’a. Hujii Gootta’aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te’in beeka’aatii, yennaa mara hujii Gootta’aa hujiisaaf jabaadha’a.
Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma’aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa me dadhannuu ti.
Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te’a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te’a» isaaniin jedhe.
Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna.
Generosidade e provisão
Quem dá com generosidade receberá em abundância. Deus supre todas as necessidades segundo as suas riquezas em glória.
Namaaf kenna’a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa’aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi’iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
Worra waan dansaa isinii godhu calla’aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan.
Dhibamaa fayyisa’a, du’aa kaasa’a, worra dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru fayyisa’a, durriisota baasa’a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna’a.
Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa’aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande’a.
Nami hamaan bu’aa isa sobu dhaggata;
nami balchumma’aan huju ammoo
gatii addachiittuu dhaggata.
Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis
karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
Mararti’ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin;
morma keetitti hidhadhu;
gadhaa keeti keessatti qabadhu.
Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti
fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
Kennansi nama isa kennuuf karaa bana;
fuula worra gugurda’aa dura isa dhikeessa.
O que Deus reservou para os seus
Olhos não viram, ouvidos não ouviram o que Deus preparou para os que o amam. Suas recompensas eternas superam toda imaginação.
Teetuu malee Barreeffam Woyyichi,
«Waan ilti namaa hin dhaggin,
Waan gurri namaa hin dhage’in,
Waan gadhaan namaa hin yaadatin
Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.
Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te’e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu,
Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga’aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti.
Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.
Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree?
bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi’ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te’a» jedhe.
Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te’uuf, gaafadha’a hin fudhattan» isaaniin jedhe.
Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.
Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba’aa na waamee naaf kennu.
Buscar, pedir, perseverar
Jesus ensinou: pedi e recebereis, buscai e achareis. Deus se alegra em dar boas dádivas aos seus filhos que pedem com fé.
Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu;
Waaqi isaan hin quussa.
«Hiyyeeyyi’iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina’a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa’aan huju dhaggu, gatii teeti si’iif hin kenna.
Isin jiru’uun akka jiraattanuuf,
waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina’a.
Achiin duuba akkuma isin jettanu
Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dande’u
isin woliin hin jiraata.
Ani harka kiyya gara keeti badhisa;
akka lafa goddee,
lubbuun tiyya si dheebotti.
Contentamento e eternidade
A verdadeira recompensa está na vida que Deus dá. O presente do trabalho, a satisfação no labor e a alegria no Senhor são dádivas de Deus.
Nami bara jiruu ifii waan dansaa hujee itti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre beekeera. Nami martinuu nyaatee, unee, waan itti elowetti gammadiisille kennansa Waaqaa ti.
Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa’aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe.
Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti.
Lafa dhaaltanu keessatti jiru’uun akka leetanu, akka isinii toltuu fi bara dheeraa akka leetanu karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara deema’a» jedhe.
Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama.
Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba’a.
Goottaa duratti gad ifi qaba’a, innille ol isin hin qaba.
Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga’a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha’a!
Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya’a» jedhane.
Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Gara gaaraa, gara kiyya ol bayiitii as turi; anille dhakaa baxxicha lama ka seerrii fi ajaji qajeelfama isaaniif te’u irratti barreesse sitti hin kenna» jedhe.