Redentor
Deus é o nosso Redentor. Ele nos resgatou da escravidão do pecado, nos libertou das cadeias e nos comprou com preço altíssimo — o sangue de seu Filho.
Liberdade em Cristo
Cristo nos libertou para a liberdade. Aquele a quem o Filho liberta é verdadeiramente livre. O Redentor quebra toda cadeia.
Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
Bilisummaa Kiristoosiin Argamu
Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
Bara Tola Waaqayyoo
Sababii Waaqayyo akka ani
hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,
Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.
Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,
akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,
warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
Hafuura Jireenyaa
Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru; seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.
Redenção e salvação
Deus nos redimiu por amor. Ele apagou nossas transgressões e nos salvou não por mérito nosso, mas por sua misericórdia.
Ani yakka kee akkuma duumessaa,
cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera.
Ani si fureeraatii,
ati gara kootti deebiʼi."
Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."
innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.
Refúgio e proteção
O Redentor é nosso refúgio e fortaleza. Ele livra os que clamam, sara os quebrantados e se alegra por nós com cântico.
Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;
inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera;
ati gonkumaa na hin qaanessin;
qajeelummaa keetiin na oolchi.
Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,
warra na ariʼatan harkaas na baasi.
Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.
Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;
warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;
Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,
ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;
maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;
cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,
lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,
harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,
warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi
arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
Vestidos de salvação
O Redentor nos veste com roupas de salvação e manto de justiça. Ele se alegra por nós e nos cobre com seu amor.
Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada;
lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi.
Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu,
misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana,
wayyaa fayyinaa natti uffiseera
uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
Waaqayyo Waaqni kee
inni si wajjin jiru jabaa dha.
Inni baayʼee sitti gammada;
inni jaalala isaatiin si boqochiisa;
faarfannaadhaanis sitti gammada."