Relacionamentos
Os relacionamentos são centrais na vida cristã. A Bíblia orienta sobre amizade, casamento, família e convivência, sempre tendo o amor como fundamento de toda relação.
Amor e amizade
O amigo ama em todo tempo. A Bíblia valoriza amizades verdadeiras que edificam, fortalecem e desafiam ao crescimento mútuo.
Michuun yeroo hunda nama jaallata;
obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
Akkuma sibiilli sibiila qaru,
namni tokko nama kaan qara.
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif
nama tokko irra nama lama wayya:
Yoo inni tokko kufe,
inni kaan ol isa qaba.
Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne
garaa nama nyaata!
Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;
namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.
Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
Casamento e família
O casamento é aliança sagrada. O marido deve amar a esposa como Cristo amou a Igreja, e ambos devem cultivar respeito e submissão mútua.
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.
Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname
Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
Waaqayyo Waaqni, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.
Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;
niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?
Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha;
ati mudaa tokko illee hin qabdu.
Convivência saudável
Os relacionamentos florescem quando tratamos os outros como gostaríamos de ser tratados, com amor crescente e caráter maduro.
Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.
abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’"
Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus.
Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.
Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa
Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?
Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture.
Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa; akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu, Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha;
kabajamuunis meetii fi warqee caala.