Salvador
Jesus é o Salvador do mundo. Desde a manjedoura até a cruz e a ressurreição, toda a Escritura aponta para Aquele que veio buscar e salvar o que se havia perdido.
O Salvador nasceu
Na plenitude dos tempos, Deus enviou seu Filho ao mundo. O anjo declarou: 'Hoje vos nasceu um Salvador, que é Cristo, o Senhor.'
Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu,
wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,
gad of deebise;
duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
"Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee
Waaqayyo Waaqa kee ti.
Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu;
ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.
O sacrifício redentor
Jesus deu a própria vida por nós. Ele é a propiciação pelos nossos pecados e o autor da salvação eterna para todos os que lhe obedecem.
Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!
Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii. Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
O caminho da salvação
Jesus é o mediador da nova aliança. Ele vive para interceder por nós e pode salvar perfeitamente todos os que se achegam a Deus por meio dele.
erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe.
Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii; isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu. Kunis akka Kiristoos dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha."
Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; "Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
Ani akka furiin koo jiraataa taʼe,
akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.