Santidade
A santidade é o chamado supremo de Deus para o seu povo. 'Sede santos, porque eu sou santo' — essa ordem ressoa por toda a Escritura, convidando-nos a uma vida separada para Deus.
O chamado à santidade
Deus nos escolheu antes da fundação do mundo para sermos santos. A santificação é sua vontade expressa e nosso destino em Cristo.
Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te’e, isinille waan gootanu duudi’iin woyyuu te’a’a. Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te’eef isinille woyyuu te’a’a» jedha.
Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te’e, isinille waan gootanu duudi’iin woyyuu te’a’a. Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te’eef isinille woyyuu te’a’a» jedha.
Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera.
Jaalala ifiitiin,
Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. Nami duudiin haadha manaa woyyumma’aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te’inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin. Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba. Waaqi woyyumma’aan akka leenu malee, akka battumma’aan leenuuf nu hin waanne.
Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te’in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu’uun dura karaa Kiristoosiitiin nu’uuf kenname.
O Deus santo
O Senhor é santo em toda a sua natureza. O universo testemunha sua santidade, e os anjos proclamam: Santo, Santo, Santo.
Te’uu malee ati Waaqa woyyicha.
Leellisi worra Israa’elii
barcumaa mootumma’aa keeti marsa.
«Ka akka Mootii Waan Maraa
Woyyichi tokkolle hin jiru;
ka akka isaa tokkolle hin jiru;
rassaan akka Waaqa keennaa
tokkolle hin jiru.
«Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le’u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le’a.
Maarre ani guddinna kiyyaa fi woyyummaa tiyya hin mudhisa; gosa biyya adda addaa duratti ifi hin beessisa; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te’e hin beekan› jedha.
Ani woyyummaa maqaa kiyya gudda’aa ka gosa biyya adda addaa oddu’utti battowe, ka isin odduu isaaniititti batteessitane san hin mudhisa. Achiin duuba adoo isaan dhagganuu karaa keessaniin woyyummaa tiyya yennaa mudhisu gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa te’e hin beekan.
A prática da santidade
A santidade se expressa em pensamentos puros, ações corretas e separação do pecado. É um processo contínuo de purificação e dedicação a Deus.
Nama maraa woliin nageyaan le’a! Woyyumma’aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma’aan le’iisaaf jabaadha’a.
Nama maraa woliin nageyaan le’a! Woyyumma’aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma’aan le’iisaaf jabaadha’a.
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu’uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa’a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa’a goona.
Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu’uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa’a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa’a goona.
Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma’aalle jiruu bara baraa ti.
Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkuma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma’aatii fi jallu’uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessanii maraa woyyoomu garba balchumma’aa godha’aatii dhikeessa’a.
Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana.
Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba’aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te’u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha’a!
Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te’uu lakkisiitii, oduunuu dhage’amuu hin qaddu.
Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te’uu lakkisiitii, oduunuu dhage’amuu hin qaddu.
Le’ii dullattii dur le’aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata’a. Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama’a. Jiruu haareya, balchumma’aa fi woyyummaa dhuga’aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha’a.
Duraan Waaqa irraa fagaattanee le’aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneertaniiyyu. Amma ammoo woyyoole’ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma’aatiin waan du’eef Waaqi ifi woliin isin araarse. Te’uu malee dhugeeffanna’aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu’uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho’ina’a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa te’eera.
A Palavra que santifica
Jesus disse: 'Santifica-os na verdade; a tua palavra é a verdade.' A Bíblia é o instrumento de Deus para nos purificar e transformar.
Jechi keeti dhuga’a; dhuga’aan isaan woyyoonsi.
Dargaggooti attamiin karaa ifii
qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?
Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki;
haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki.
Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali!
Karaa bara baraa irra na sooressi.
Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;
keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.
Templo do Espírito Santo
Nosso corpo é templo de Deus. Devemos honrá-lo com santidade, guardando mente e coração e buscando a semelhança com Cristo.
Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu?
Wolde’a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te’iisaaf waamantane, akkasuma isaanii fi nu’uuf Goottaa ka te’e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf:
Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille’een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille’een tokkummaa yoo qabaattane, mararti’ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, yaada tokko te’iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo’oon tokko te’iisaan gammadi kiyya guutuu akka te’u tolcha’a. Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa’aatii ilaala’a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina’a! Nami martinuu bu’aa worra dhibi’iille ilaaluutii malee, bu’aa ifii callaa hin ilaalin! Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
Inni yennaa maraa adaba waaqumma’aa adoo qabuu,
ulfinna waaqumma’aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu
lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
Ammoo ulfinna ifii lakkisee
akka garbaa te’ee mudhate;
akka namaa te’ee dhalate;
nama fakkaatee mudhate.
Ifi gad qabee,
haga du’aatitti,
haga fannifamee du’ulle’etti, ka ajajamu te’e.
Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee,
maqaa maqaa mara caalulle kenneef.
Tanaaf worri ol-gubbaa jiru,
worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu,
ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.
Arrabi martinuu,
ulfinna Waaqa Abba’aatiif,
Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’e,
dhugaa baasee hin dubbata.
Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te’in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama’a! Soda’aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja’a; sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.
Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha’a! Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama’aa fi hamaa kana keessatti akka urji’ii hin issitan. Jecha jiru’uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke’ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura’aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.
Ciinca’aa fi kennaa isin dhugeeffanna’aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu’uu adoo dhibaafamelle’ee ani hin gammada, isinille gammada kiyya na woliin hin qoodantan. Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan na woliin qoodamuu qaddan.
Marroo teessan dhage’ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha. Nama nageya keessaniif gadha’aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu. Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te’in, bu’aa ifii barbaadatan. Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaaye akka te’e, na wolille’een akka abba’aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan. Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha. Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta’atti addii qaba.
Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa’ela hujii tiyyaa te’e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti. Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra’eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle’eef yaadeera. Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du’a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla’aaf adoo hin te’in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle’eef marareera. Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera. Maarre maqaa Gootta’aatiin gammada guutu’uun isa fudhadha’a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa’a. Qarqaarsa isin naaf kennuu hin dande’in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du’a geyeeraayyu.
Abbaan keessan ka ol-gubba’aa mijuu akka te’e, isinille mijuu te’a’a» jedhe.
«Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
Isin jiru’uun akka jiraattanuuf,
waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina’a.
Achiin duuba akkuma isin jettanu
Mootiin Waan Maraa
Waaqi Waan Mara Dande’u
isin woliin hin jiraata.
Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;
Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.
Nami tokko adoo itti hin yaadin,
Waaqaaf waadaa galee,
duuba irra yoo gaabbe,
tiyyoo seeniisa.
Ani Mootiin Waan Maraa woyyicha waan te’eef, isin kiyya akka teetanu gosa biyya adda addaa keessaa waan isin adda baaseef, isinille naaf woyyuu te’a’a.
Ani Mootiin Waan Maraa woyyicha waan te’eef, isin kiyya akka teetanu gosa biyya adda addaa keessaa waan isin adda baaseef, isinille naaf woyyuu te’a’a.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te’eef, ifi adda baasa’aatii, woyyuu te’a’a.
Waaqaaf faarfadha’a;
faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha’a;
ka duumensa irra deemu saada’a;
maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;
isa duratti ilillisa’a!
Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;
ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;
haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.