Pular para o conteúdo
Publicidade

A segunda vinda de Cristo

Por Bíblia Online

A segunda vinda de Cristo é a esperança suprema da Igreja. Jesus prometeu que voltará com poder e grande glória para julgar os vivos e os mortos e estabelecer seu Reino eterno.

A promessa do retorno

Jesus prometeu voltar. Os anjos declararam que Ele virá da mesma forma como ascendeu. A Igreja aguarda esse dia glorioso com expectativa.

Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."

Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."

Yesuus Barattoota Isaa Jajjabeesse

"Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa. Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.

Inni waan kana dhugaa baʼus, "Eeyyee, ani dafee nan dhufa" jedha.

Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu.

Inni waan kana dhugaa baʼus, "Eeyyee, ani dafee nan dhufa" jedha.

Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu.

Waamichaa fi Akeekkachiisa Dhumaa

"Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.

Os sinais dos tempos

Jesus descreveu os sinais que precederão sua volta: falsos profetas, guerras, fome, terremotos e tribulação. Devemos discernir os tempos sem nos alarmar.

Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, "Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?" jedhan.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa. Namoonni hedduun, Ani Kiristoosjedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu. Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.

"Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu. Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus; raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.

Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa; namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.

Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.

Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.

"Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.

Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, Ilaa, Kiristoos as jira!yookaan Achi jira!isiniin jedhe, hin amaninaa. Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu. Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.

Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, Ilaa, Kiristoos as jira!yookaan Achi jira!isiniin jedhe, hin amaninaa. Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu. Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.

"Kanaafuu yoo isaan, Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jiraisiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, Kunoo, mana keessa gola jiraisiniin jedhan hin amaninaa.

Mukaa fi Ija Isaa

"Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa.

Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.

"Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu. Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.

"Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu. Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.

Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.

A vinda gloriosa

Cristo virá nas nuvens com poder e grande glória, enviará seus anjos e reunirá seus escolhidos dos quatro ventos.

"Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,

" Aduun ni dukkanoofti;

jiʼis ifa ishee hin kennitu;

urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;

humnoonni samiis ni raafamu.

"Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu. Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.

"Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu. Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.

Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.

"Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu. Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu. Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu. Yommuu wanni kun taʼuu jalqabutti mataa keessan ol qabadhaa; olis ilaalaa; furamuun keessan dhiʼaateeraatii."

Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.

"Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu. Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.

Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.

Vigilância e preparo

Ninguém sabe o dia nem a hora. Jesus nos ordena a vigiar, orar e estar prontos, pois Ele virá quando menos esperamos.

"Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.

"Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.

Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.

"Isin of eeggadhaa; yoo kanaa achii qalbiin keessan qananiidhaan, machii fi yaaddoo jireenyaatiin fudhatamee guyyaan sunis utuu isin hin beekin akkuma kiyyoo isin qabata. Guyyaan sun warra lafa irra jiraatan hundatti ni dhufaatii. Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; kadhadhaas."

Dhuma Waan Hundumaa

Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Waaqa kadhachuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.

Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.

Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu. Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega.

A esperança bendita

A aguardamos a bendita esperança e a manifestação da glória do nosso grande Deus e Salvador Jesus Cristo.

Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa; innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.

inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.

Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.

akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, "Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha" jedha.

Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.

Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.

Ijoollee Waaqaatii fi Cubbuu

Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.

Seja o primeiro