Separação
A separação traz dor profunda, mas a Bíblia nos consola com a promessa de que Deus nunca nos abandona. Seja na perda, na distância ou no luto, Ele é nosso refúgio.
Deus está presente na dor
O Senhor está perto dos quebrantados de coração e promete nunca nos deixar órfãos. Na separação, Ele é nosso consolo mais íntimo.
Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.
Abbaan kiyyaa fi haati tiyya
yoo na lakkisanelle
Mootiin Waan Maraa kiyya na hin fudhata.
Esperança e conforto
A separação não é o fim. Deus transforma a dor em esperança, e o sofrimento presente produz uma glória eterna que supera toda aflição.
Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du’ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna.
Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu’uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande’annetti ani laakkowa.
Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa.
Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannaan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo’oo, ta dhuga’aa te’uu isi’ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan.
Amor que persevera
O amor verdadeiro é mais forte que a separação. A fé nos sustenta e nos dá a certeza de que o reencontro virá.
Bisaan guddaan
ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande’u;
lolaan haree hin dande’u.
Nami tokko qabeenna mana ifii mara
jaalalaaf yoo kenne,
ijjumaa hin tuffatama.
Laabaan ammalle, «Yennaa nu gargar baanu Waaqi nu eeguutii» waan jedheef, addee saniin, «Miisphaa» jedhe.
Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne. Tanaaf, anille isa Mootii Waan Maraatiif hin kenna; innille bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif hin kennama» jette. Inni achitti Mootii Waan Maraa waaqonfate.
Amma ammoo Kiristoosiif jedhee, waan bu’aa naaf qabu maraa akka waan bu’aa hin qanneetitti laakkoweera. Kana calla’aa moti; Goottaa kiyya Yesuus Kiristoos beekuun, waan mara waan caaluuf, ani waan maraa akka waan bu’aa hin qanneetitti hin laakkowa; Kiristoos bu’aa kiyya godhatiisaaf kun maraa naaf waan bu’aa hin qanne te’eera; akka kosi’iille laakkoweera.