Publicidade

Sonhos

Por Bíblia Online

Sonhos aparecem em toda a Bíblia como meio de revelação divina. Deus falou através de sonhos a patriarcas, profetas e servos, mas também alertou contra falsos sonhadores.

Sonhos como revelação divina

Deus usou sonhos para comunicar sua vontade a homens e mulheres ao longo da história bíblica, revelando caminhos e mistérios.

inni isaaniin, «Amma jecha kiyya dhage’aa! Raagaan tokko odduu teessan yoo jiraate, ani mudhi’iin isatti ifi mudhisa; oojjuulle’een isatti hin dubbadha.

Guyyaa Mootii Waan Maraa

Ani Mootiin Waan Maraa, «Kanaan duuba, Ayyaana kiyya

nama mara irratti hin dhangalaasa;

ilmaanii fi ijoolleen durraa teessan raaga hin dubbatan;

jaarsoleelle oojjuu hin oojjatan;

dargaggootille mudhii hin dhaggan.

Dubbii Pheexroos Dubbate

Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi’iin, «Worri Yihuda’aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te’e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage’aa. Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. Tun ammoo afaan raagicha Yo’eliitiin,

«Guyyaa muumme’ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:

nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.

Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;

dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,

Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.

Waaqi dargaggoota arfan tanaaf beekkumsa, dandeettii barreessiisa maraatii fi qarummaa isaaniif kenne; Daani’el ammoo mudhi’ii fi oojjuu mara hiikiisaafille dandeettii qabaayyu.

Mootichi Daani’elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi’ii natti himuu dandeettaa?» jedhe.

Daani’elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande’ee si’itti hin himu; ammoo ka waan dhossa’aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te’uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu:

Sonhos na história da Bíblia

De José no Egito a José pai de Jesus, Deus guiou a história da salvação através de sonhos, protegendo e dirigindo seu povo.

Isaan deebisanee, «Halkan edaa nuuti lamaanuu oojjuu oojjannee, ammoo nami hiiku tokkolle dhabame» jedhane.

Yoseef isaaniin, «Oojjuu hiikiisaaf ka dandeessisu Waaqa; oojjuu teessan natti hima’a» jedhe.

Mootichi isaan, «Ani oojjuu oojjadheeru qaba. Nami tokkolle ammoo hiikkaa isi’ii naaf himuu hin dandeenne. Ati yennaa oojjuu si’itti himane hiikuu dandeetta jechuu dhage’eera» jedhe.

Yoseef deebisee, «Ani oojjuu hiikuu hin dande’u, Waaqi ammoo hiikkaa dansaa oojjuu teetiif hin kenna» jedhe.

Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, Yesuusjettaan» jedheen.

Philaaxoos barcumaa mura’aa gubbaa tee’eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju’uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite.

Faaruu Worra Boojuu Keessaa Deebi’ee
Faaruu Ittiin Ol Bayanu

Yennaa Mootiin Waan Maraa

boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise,

oojjuu nutti fakkaatte.

Sabedoria sobre sonhos

A Bíblia ensina discernimento: nem todo sonho vem de Deus. Devemos entregar nossos planos ao Senhor e confiar na direção dele.

Waan gootu mara

Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu;

wonni ati yaaddu marti si’iif hin milkootti.

Gadhaa namaa keessa Yaada heddu’utti jira;

ka te’u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.

Raagichi tokko yookiin nami oojju’uun moru tokko odduu teessanii ka’ee, bilbaasa yookiin maadee yoo isinitti hime, bilbaasii fi maadeen inni dubbate yoo teete, innille, «Kowa’a, waaqota dhibii hordonna; isaan waaqonfanna» jedhee waaqota dur isin hin beennetti yoo isin geesse, isin raagicha san yookiin nama oojju’uun moru san hin dhage’inaa. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka isin gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti’iin isa jaalattanu haga isin ilaaliisatti jira. Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.

Ani raagota maqaa kiyyaan, Ani oojjuu oojjadhe! Ani oojjuu oojjadhe!jedhaa raaga sobaa raaganu dhage’eera. Wonni kun haga yoomii gadhaa raagota dharaa worra yaada ifii keessaa fuudhanee raaga dharaa raaganu keessa jiraatti?

kunoo ani raagota oojjuu dharaatiin raaganu hin morma; ani adoo isaan hin ergin yookiin isaan hin ajajin dharaan kolbaa tiyya dokonkorsan; isaan kolbaa tanaaf woy hin bayanu» jedha.

Hujiin yennaa bacattu akkuma oojjuu namatti fiddu, addee dubbiin bacattutti dubbii gowwa’aatitti jira.

Oojjuun baca’aa fi dubbiin bacaan bu’aa hin qaddu. Tanaaf, Waaqa sodaadhu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-