Sonhos
Sonhos aparecem em toda a Bíblia como meio de revelação divina. Deus falou através de sonhos a patriarcas, profetas e servos, mas também alertou contra falsos sonhadores.
Sonhos como revelação divina
Deus usou sonhos para comunicar sua vontade a homens e mulheres ao longo da história bíblica, revelando caminhos e mistérios.
inni akkana jedheen; "Dubbii koo dhagaʼaa:
"Yoo raajiin Waaqayyoo gidduu keessan jiraate,
ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa;
abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
"Anis kana booddee,
Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.
Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;
jaarsoliin keessan abjuu abjootu;
dargaggoonni keessan mulʼata argu.
Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; "Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa. Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne! Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
" ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo,
ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa;
ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;
dargaggoonni keessan mulʼata argu;
jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
Waaqnis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.
Mootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, "Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?" jedhe.
Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; "Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:
Sonhos na história da Bíblia
De José no Egito a José pai de Jesus, Deus guiou a história da salvação através de sonhos, protegendo e dirigindo seu povo.
Isaanis, "Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne" jedhaniin.
Kana irratti Yoosef, "Hiikkaan kan Waaqaa ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa" jedheen.
Faraʼoonis Yoosefiin, "Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera" jedhe.
Yoosef immoo, "Ani hiikuu hin dandaʼu; Waaqni garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna" jedhee Faraʼooniif deebise.
Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."
Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, "Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii" jettee itti dhaamte.
Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,
nu akka warra abjuu abjootanii taane.
Sabedoria sobre sonhos
A Bíblia ensina discernimento: nem todo sonho vem de Deus. Devemos entregar nossos planos ao Senhor e confiar na direção dele.
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;
karoorri kees siif milkaaʼa.
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;
garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.
Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, "Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu" siin jedhe, ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Waaqayyo Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
"Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu. Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata?
"Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma" jedha Waaqayyo, "Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan" jedha Waaqayyo.
Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas
baayʼina dubbiitiin beekama.
Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.