Trabalhar para Deus
Trabalhar para Deus vai além do ofício secular. É dedicar a vida inteira — palavras, ações e atitudes — ao serviço do Reino, reconhecendo que cada tarefa pode glorificar o Senhor.
Servindo ao Senhor em tudo
Quando trabalhamos como para Deus, cada ação se torna um ato de adoração. Não importa a tarefa — o que importa é o coração dedicado.
Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha.
Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
Chamados para as boas obras
Fomos criados em Cristo Jesus para boas obras, que Deus preparou de antemão para que andássemos nelas. Não somos salvos por obras, mas para obras.
Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.
namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.
Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.
Waan Hunda Guungummii Malee Hojjechuu
Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii.
Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif, yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa.
A missão do cristão
O chamado a trabalhar para Deus inclui a Grande Comissão: fazer discípulos de todas as nações, cooperando com Ele na expansão do Reino.
Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.