Publicidade

Trabalho

Por Bíblia Online

O trabalho é uma ordenança divina desde a criação. Deus colocou o homem no jardim para cultivar e guardar, revelando que o labor é parte do propósito humano e um meio de glorificá-lo.

Trabalho como vocação divina

Deus nos criou para trabalhar com propósito. O trabalho é expressão da imagem divina em nós e deve ser feito como para o Senhor.

Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta’aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha’a.

Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta’aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha’a. Sababille Goottaan dhaala ol-gubbaaa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos.

Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.

Akkasuma nama adoo hin te’in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila’a. Garbichalle te’ee yookiin ka garbicha hin te’in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan.

Maarre yennaa nyaattanulle te’e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha’a.

Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha’aa dhaabbadha’a. Waan tokkolle’een hin daaqina’a. Hujii Gootta’aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te’in beeka’aatii, yennaa mara hujii Gootta’aa hujiisaaf jabaadha’a.

Waan hujjanu mara jaalalaan huja’a.

Diligência e recompensa

A mão diligente enriquece, mas a preguiça traz pobreza. A Bíblia valoriza o esforço honesto, dedicado e perseverante em toda obra.

Harki boosenni nama hiyyoonsa;

harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa.

Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te’a;

nami boosenni ammoo

garbicha namaa hin te’a.

Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te’a;

nami boosenni ammoo

garbicha namaa hin te’a.

Jabaatanee hujiis bu’aa qaba;

oduu callaa odeessiis ammoo

gara hiyyumma’aa qofa nama geessiti.

Ati namicha booseya,

me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali;

mala isaa ilaaliitii qaroo te’i.

Isaan sooressa,

toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;

te’uu malee sagalee ifii ta bonaa,

waan isaaniif barbaachisu

yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.

Ati namichi boosenni

haga yoomii achi ratta?

Ati yoom hirriibaa kaata?

Ati diqqoo adoo rattuu,

diqqoo adoo mudduu,

foorfatiisaafille

diqqoo adoo harka wol irra naqattuu,

hiyyummaan akka saantu’uu,

akka nama meya woraanaa hidhatee,

sitti hin dhufa.

Nami huji’itti booseyu

obboleessa nama wo balleessuu ti.

Akka hin hiyyoommane,

hirriiba hin jaalatin.

Midhaan akka quuttu,

dammaqii hujadhu.

Karri ariiti’iin dhaggatane ariifattee baddi;

ka diqqeessee diqqeessee

kuufate ammoo itti ede’ata.

Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna;

inni rakkinna isi’itti hin dabalu.

Planejamento e excelência

A excelência no trabalho honra a Deus. Devemos nos dedicar com competência, entregar nossos planos ao Senhor e buscar o melhor em cada tarefa.

Waan gootu mara

Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu;

wonni ati yaaddu marti si’iif hin milkootti.

Waan gootu mara

Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu;

wonni ati yaaddu marti si’iif hin milkootti.

Shaneessoo

Ati nama hujii ifiitiin leenji’eeru dhaggiteertaa?

Inni mootota dura tajaajila malee,

nama mara dura hin tajaajilu.

Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.

Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.

Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Addee worri du’e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu’uun huji!

Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha’a! Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama’aa fi hamaa kana keessatti akka urji’ii hin issitan.

O contentamento no trabalho

Deus nos dá a capacidade de desfrutar do nosso trabalho. Poder comer, beber e encontrar satisfação em nosso labor é um dom divino.

Nami bara jiruu ifii waan dansaa hujee itti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre beekeera. Nami martinuu nyaatee, unee, waan itti elowetti gammadiisille kennansa Waaqaa ti.

Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa’aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe.

Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti.

Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya.

nami qofii ifii le’u tokko, ilma yookiin obboleessa ka hin qanne, ka waan mara irratti eloon isaa dhuma hin qanne, karra ifiitille’een, «Na geetti» ka hin jenne, inni «Ani eennuuf elowa? Ani maaf gammada ifi dhoogga?» jedhee ifi gaafata; kunille waan bu’aa hin qanne; hujii nama gaddisiittu.

Wonni nami itti elowuu fi dandeetti’iin hujatu marti hinaaffaa irraa akka kaatu dhagge. Tunille bu’aa hin qaddu; akka nama qilleensa ari’ee ti.

A responsabilidade cristã

O cristão deve trabalhar com suas próprias mãos, viver dignamente e ser exemplo de dedicação. Quem não trabalha, não coma.

Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra.

Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee’u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu. Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle’e.

Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le’iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha’a. Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.

Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata’aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti.

Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa’aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande’a.

Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera. Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata.

Goottaa Waaqa keenna,

ila dansa’aan nu ilaali;

hujii harka keennaalle nuu milkeessi;

ee, nuu milkeessi.

Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?

Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu?

Ani dhugaa isinitti hima: Nami natti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba’aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja.

Te’uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.

Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha’a!

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-