Tristeza
A tristeza faz parte da experiência humana, mas a Bíblia nos assegura que Deus está perto dos que sofrem. Ele enxuga as lágrimas e transforma a dor em esperança.
Deus consola os aflitos
O Senhor está perto dos quebrantados de coração. Mesmo no vale mais escuro, sua presença é refúgio e consolo para a alma que chora.
Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.
Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;
warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna;
Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba;
Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.
Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;
argansuun koo si duraa hin dhokatu.
Warri gaddan eebbifamoo dha;
jajjabina ni argatuutii.
"Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baata.
A alegria virá
A dor tem prazo de validade. A manhã de alegria sempre vem depois da noite de choro. Deus promete transformar o luto em dança.
Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;
gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;
booʼichi galgala tokko qofaaf tura;
ganama garuu ililleetu taʼa.
Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan;
siʼachis gonkumaa hin dheebotan.
Aduun isaan hin dhaʼu;’
hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru
tiksee isaanii ni taʼaatii;
‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’
‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ "
ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna.
Entregando a dor a Deus
Podemos lançar sobre o Senhor toda nossa ansiedade e tristeza, porque Ele cuida de nós com ternura e não nos abandona.
Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa.
O choro e o arrependimento
Há tristezas que produzem arrependimento e conduzem à vida. O choro diante de Deus é acolhido e transformado em bênção.
Cubbuu Irraa Deebiʼaa
"Amma iyyuu garaa guutuudhaan,
soomaan, booʼichaa fi gaddaan
gara kootti deebiʼaa" jedha Waaqayyo.
Wayiniin gogeera;
harbuunis coollageera;
roomaaniin, meexxii fi hudhaan,
mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.
Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa
irraa badeera.
Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:
"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;
qullaa koos nan deema.
Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate;
maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu."
Fakkeenyawwan Solomoon:
Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii;
akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.
Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi;
sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef
dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.