Valioso
Cada ser humano é precioso aos olhos de Deus. As Escrituras revelam que fomos criados à imagem divina, resgatados por alto preço e chamados para um propósito eterno.
O valor que Deus nos dá
Nosso valor não vem de conquistas ou aparências, mas do fato de sermos amados pelo Criador. Deus cuida até dos passarinhos — quanto mais de nós!
Sinbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee sinbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan» jedhe.
Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe.
«Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te’uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?
Preciosos aos olhos de Deus
O Senhor declara que somos preciosos e valiosos aos seus olhos. Ele nos chama de propriedade exclusiva e nos reveste de glória.
Ati na duratti gatii guddo’oo fi
ulfinna waan qadduuf,
ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,
addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.
Amma isin guutumatti naaf yoo ajajantane, gondooroo tiyyalle yoo eegatane, gosa biyya adda addaa mara keessaa kolbaa irra caalaa jaalatantane hin teetan. Latti duudiin tiyya teetulle,
Ee Yerusaalem, ifi keeti waan dhufeef, ka’ii issi!
Ulfinni Mootii Waan Maraalle si irratti ifeera.
O verdadeiro valor
A Bíblia nos ensina que a fé, a integridade e o caráter são mais valiosos que ouro ou prata. O que tem valor eterno transcende o material.
Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti.
Mararti’ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin;
morma keetitti hidhadhu;
gadhaa keeti keessatti qabadhu.
Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti
fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
Dubbiin nama balcha’aa akka meetii qullu’uu ti;
yaadi nama hama’aa ammoo gatii hin qabu.
Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande’a?
Isiin dooqa diimaa caalti.
Te’uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.