Publicidade

Vícios

Por Bíblia Online

A Bíblia nos alerta contra os vícios e comportamentos destrutivos. Deus nos chama à liberdade em Cristo, não à escravidão de desejos e hábitos que consomem corpo e alma.

A escravidão do pecado

Todo vício é uma forma de escravidão. Jesus veio para libertar os cativos e restaurar a verdadeira liberdade dos filhos de Deus.

Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti.

Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan.

Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan.

Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya; isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti» jedhe.

Bilisumma'aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha'aa dhaabbadha'a! Deebitaneelle waanjoo garboomaatiin hin hidhamina'a!

Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan.

Resistência e domínio próprio

O fruto do Espírito inclui o domínio próprio. O cristão é chamado a ter controle sobre seus desejos, resistir à tentação e vigiar contra as obras da carne.

dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.

qajeelumma'aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.

Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu.

Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu.

Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.

Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.

Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.

Akka ataabe'etti hin gallelle daadimadha'a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.

Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata.

Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan.

Libertação e renovação

Em Cristo somos libertos de toda forma de dependência. Pela renovação da mente, aprendemos a discernir e rejeitar o que nos prende.

Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata'aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana. Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.

Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa'a.

Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du'u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina'a. Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu'uu gootanee cubbu'uuf hin dhikeessina'a; ammoo akka worra du'a keessaa bayee gara jiru'uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa'a; nafa keessan duudii meya balchumma'aa godha'aatii Waaqaaf dhikeessa'a.

Du'a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du'aa ka'iisa isaatille'een isa woliin tokko hin teena. Le'iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu'uu te'iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna.

Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.

Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba. Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya. Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du'etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan. Tanaaf Oduun Gammadaa worra du'anelle'eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan.

Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a.

Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu. Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa.

Nami cubbuu ifii dhoffatu,

hin milkowu;

nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo

marartii hin dhaggata.

O corpo como templo

Nosso corpo é templo do Espírito Santo. Devemos honrar a Deus com o corpo, fugindo da embriaguez, da imoralidade e de toda impureza.

Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te'e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti.

Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina'a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu. Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan.

Ayyaana Woyyichaan guutama'a malee, daadhii woyni'ii ta isin balleessituun, hin machowina'a.

Daadhiin woyni'ii murgaamessa,

untoon jadduun xeenxiraa nama gooti;

nami isaan kanaan dokonkore qaro'oo moti.

Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyni'ii diqqoo uni malee haganaa achi bisaan callaa hin unin.

Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.

Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama.

Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kuraawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu.

Hamaalessa irraa nu eegi malee,

ataabe'etti nu hin galchin.

[Mootummaan, hunni, ulfinnille

baruma baraan keetuma. Ameen]› jedha'a.

Sababille Barreeffam Woyyichi,

«‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata'a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata;

arrabi martinuu akka ani Waaqa te'e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha.

Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-20_17-16-08-