Vida
A vida é um dom precioso de Deus. Desde a concepção até a eternidade, as Escrituras revelam o propósito, o valor e a plenitude da vida que o Senhor nos oferece.
Deus, o autor da vida
O Senhor é quem dá a vida e a sustenta. Cada ser humano foi formado por suas mãos com propósito e intenção divina.
Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
lafeen koo si duraa hin dhokanne.
Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,
kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
Burqaan jireenyaa si bira jiraatii;
nu ifa keetiin ifa argina.
Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha;
hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Waaqa koo nan galateeffadha.
A vida em Cristo
Jesus é o caminho, a verdade e a vida. Nele encontramos sentido, plenitude e a promessa de vida abundante e eterna.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa."
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Vivendo com sabedoria
A Bíblia nos orienta a viver com sabedoria, aproveitando bem o tempo, guardando o coração e buscando a vontade de Deus para cada dia.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,
bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;
barri jireenya keetiis ni baayʼataa.
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;
namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.
Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;
kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;
namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu,
jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa; waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.
A vida no dia a dia
Cada dia é uma oportunidade de glorificar a Deus. A Escritura nos chama a viver com propósito, confiança e fé prática.
Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi;
daandii kees na barsiisi;
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,
bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;
anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu;
Waaqni garuu jabina garaa koo ti;
bara baraanis inni qooda koo.
Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
Waaqayyo ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa kadhachuu dha.
Waaqayyo duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Sababii ati isaan na jiraachifteef,
ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
Prioridades e eternidade
Jesus nos lembra que a vida é mais que comida e o corpo mais que roupa. O que importa é buscar o Reino de Deus e viver para a eternidade.
"Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu? Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii? Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?
Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata?
Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; "Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa? Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa."
Innis, "Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii" jedheen.
Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif.
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.
Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa; kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha.
Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.
"Namni jireenya jaallatu,
kan bara gaariis arguu hawwu kam iyyuu,
arraba isaa hammina irraa,
hidhii isaa immoo soba dubbachuu irraa haa eeggatu.
Inni hammina irraa deebiʼee gaarii haa hojjetu;
nagaa haa barbaadu; duukaa haa buʼus.
Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.
Haalleluuyaa.
Wanni hundinuu yeroo qaba;
hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama,
yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa;
kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera;
inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.
Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;
dheerina umurii kootiis na barsiisi;
jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.
Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;
umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu;
jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.
Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;
dhugumaan inni akkasumaan goolama;
namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;
nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
Arriin gonfoo ulfinaa ti;
innis karaa qajeelaadhaan argama.
Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana
garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.