Publicidade

A volta de Jesus

Por Bíblia Online

A volta de Jesus é uma das maiores promessas da Bíblia. Cristo prometeu que retornará em glória, e os cristãos vivem na expectativa desse dia triunfante.

A promessa do retorno

Jesus prometeu aos discípulos que voltaria. Os anjos confirmaram essa promessa na ascensão, e os apóstolos ensinaram que Ele virá com poder.

Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi’ee dhufee isin fudhadha.

Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubbaaa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.

Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, «Isin namoota Galiila’aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba’aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubbaaa fudhatame kun, gara ol-gubbaaa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi’ee hin dhufa» jedhane.

Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha.

Ameen! Goottaa Yesuus, koy.

«Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera.

Os sinais e o momento

Ninguém sabe o dia nem a hora. Jesus alertou sobre falsos sinais e nos chamou à vigilância constante, pois Ele virá como ladrão na noite.

Guyyaa Sanii Fi Yennaa San Eennulle Hin Beeku

Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi saatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaaalle, Ilmille, eennulle hin beeku. Akkuma bara Nohiititti te’e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te’a. Bara san bisaan badi’iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; haga bisaan badi’ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te’a.

Guyyaa Yookiin Yennaa San Eennulle Hin Beeku

«Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubbaaalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.

Dhufa Gootta’aatiif Qophowa’a

Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu. Guyyaan Gootta’aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan. Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu.

Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa’aa eegadha’a. Waan kana ammoo hubadha’a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa’aa le’aa» jedhe.

Nama Jallu’uu

Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna: raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu’u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta’aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina’a, yookiin hin rifatina’a. Finqilli adoo hin ka’in dura jallichi ilmi badi’iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin. Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille’een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.

A glória da segunda vinda

Cristo voltará nas nuvens, com poder e grande glória. Os mortos em Cristo ressuscitarão, e os vivos serão arrebatados para encontrá-lo nos ares.

Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.

Dhufiisa Ilma Namaa

«Guyyootuma san keessa, yennaa rakko’oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi’ee hin ifu. Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaati; hunni ol-gubbaaa hin raafanti. Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo’oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan. Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban.

Muraa Muumme’ee

Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee’a. Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re’ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, hoolota midda ifiititti, re’oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa.

Ka Farda Adii Irra Tee’eeru

Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama’aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee’eeraayyu; inni balchumma’aan mura, hin lolalle’e. Ilti isaa akka bobe’a ibiddaa ti; mataa ifii irralle’etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera. Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti. Loltooti ol-gubbaaa woyaa quncee talba’aa irraa hujante adi’ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee’anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu. Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku’uu ta sibiilaatiille’een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni’ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande’uu itti cunfantu hin dhiita. Woya’aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera.

Nama anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatu, Ilmi Namaa ulfinna ifii, ulfinna abbaa ifiitii fi ergantoota woyyootaatiin yennaa dhufu itti hin fokkifata.

Vivendo na expectativa

A certeza do retorno de Cristo nos chama a viver em santidade, aguardando novos céus e nova terra onde habita a justiça.

Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina’a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti. Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.

Guyyaan Gootta’aa ammoo akka hattu’uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo’oon dhidhinti; dadi ol-gubbaaalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi.

Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le’iisaaf maltane ree? Isin woyyumma’aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le’iisa qaddan. Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra’aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te’aa. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o’aan hin baxxi. Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu’uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma’aa itti hundeefantu san hin eeganna.

Nami mara akka du’uu fi achiin duuba mura’aaf akka dhikaatu murtayeera. Kiristoos cubbuu nama heddu’uu ba’atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba’atiisaaf adoo hin te’in, worra dharra’aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-