16 Muduunuu yennaa Irbaata Gootta’aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii?10:16Hiikkaan gariin: «Dhiiga Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree? Daabboon nuuti irraa caffannee nyaannu foon Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree?» jedha.10:16 Mat. 26:26-28; Mar. 14:22-24; Luq. 22:19-20
Publicidade