Nafi Tokko Qooda Adda Addaa Qaba
12 Nafi tokkochi qooda12:12Qooda: Mitikaa adda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti.12:12 Rom. 12:4-5 13 Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu’uuf kennameera.
14 Nafi qooda hedduu irraa hujame malee, qooda tokko callaa irraa hin hujanne. 15 Miilli harkaan, «Ani harka waan hin te’iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te’uun isaa oolchaa hin qabu. 16 Gurrille, «Ani ila waan hin te’iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te’uun isaa oolchaa hin qabu. 17 Nafi duudiin adoo ila te’e, sila maaniin woy dhage’a? Nafi duudiin adoo gurra te’e, sila maaniin foolee fuudha? 18 Waaqi ammoo, qooda nafa duudi’ii adda addaan akka ifii barbaadetti, addee addee isaatitti qopheesse. 19 Qoodi nafaa duudiin, qooda nafaa tokko callaa yoo te’e, nafi eessa jiraata laati? 20 Kanaaf akka amma jirutti, qoodi nafaa heddu’u; nafi ammoo tokkocha.
21 Maarre ilti harkaan, «Ati naaf hin barbaachittu» yookiin mataan miilaan, «Ati naaf hin barbaachittu» jechuu hin dande’u. 22 Qooda nafaa keessaa irra caalaa dadhabaa fakkaatanee ka mudhatanuuyyuu, guddoo barbaachisan; 23 qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu’utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu’utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna. 24 Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera. 25 Qooda nafaa wodhakkaa garaa garummaan adoo hin jiraatin, akka woliif yaadatanuuf inni tana godhe. 26 Qooda nafaa keessaa tokko yoo rakkate, ka hafanelle isa woliin rakkatan; isaan keessaa tokko ulfinna yoo dhaggate, ka hafanelle isuma san woliin gammadan.
27 Amma isin duudiin nafa Kiristoosii ti; tokko tokkoon keessanuu qooda nafa isaa ti.