7 Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu’aa nama duudi’iitiif kenname. 8 Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi’iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkumsaan dubbatiisaa hin kenna. 9 Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi’iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna. 10 Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi’iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama’aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi’iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna. 11 Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna.
Publicidade