Publicidade

1 Coríntios 6

Wol Himannaa Wolde’a Kiristaanaa Odduu Jiru Balleessuu

1 Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi’iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura’aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree?

2 Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru’uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan? 3 Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree? 4 Eegasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde’a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree? 5 Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-