15 Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te’e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu’uu godhuu qabaa? Ijjumaa te’uu hin qabu! 16 Nami dubartii sagaagaltitti’iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi’iitiin tokko akka te’e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te’an» jedha. 17 Nami Gootta’atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te’a.
18 Sagaagalummaa irraa fagaadha’a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja. 19 Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. 20 Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.