Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Worra Qorontoosii 7

12 Worra dhibi’iin ammoo Goottaa adoo hin te’in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le’iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin. 13 Dubartiin dhugeeffatte takkalle dhirsa hin dhugeeffatin yoo qabaattee inni isii woliin le’iisa jaalate, isiin isa hin lakkisin. 14 Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te’uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te’uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti.

Veja também