Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Coríntios 7

32 Ani akka isin yaaddoo malee leetanu fedha. Nami hin fuudhin waan ittiin Goottaa gammachiisu waan barbaaduuf, yaadi isaa hujii Gootta’aa irratti xiyyeeffata. 33 Nami fuudhe ammoo, niitii ifii gammachiisiisaa waan barbaaduuf, yaadi isaa waan biyya lafaatiif haajama. 34 Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta’aa te’iisa waan barbaadduuf, yaadi isi’ii hujii Gootta’aatiif haajama; dubartiin heerumte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti.

Veja também