11 Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda’a; hunnaamessalle’e. Ulfinni, baalli’ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubba’aa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti. 12 Durumma’aa fi ulfinni marti si biraa dhufan. Ati jabeennaa fi hunna teetiin waan mara bulchita. Ati nama mara gudda’aa fi jabaa tolchuu hin dandeetta.
14 «Nuuti fedha keennaan akkas akka kenninu ka nu dandeessitte ani eennu? Kolbaan tiyyalle eennu? Wonni marti kennansa si biraa nuuf dhufe; waanuma duruu keeti te’e qofa deebinnee siif kennine. 15 Nuuti si duratti akkuma abbootii teenna ta durii akka alaga’aatii fi akka keessumma’aa ti. Barri keenna lafa irratti akka gaaddisaa ti; du’a jalaa miliquu hin dandeennu.