Ijoollee Waaqaa
1 Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu. 2 Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu3:2Deebi’ee dhufu: Mudhatu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.