Haadhotii Manaatii Fi Abbootii Manaa
1 Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji’amanee dhugeeffatan fa’a te’a, isaaniif ajajama’a. 2 Sababille isaan qulqullumma’aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan.