Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Pedro 3

Haadhotii Manaatii Fi Abbootii Manaa

1 Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji’amanee dhugeeffatan fa’a te’a, isaaniif ajajama’a. 2 Sababille isaan qulqullumma’aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan. 3 Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo’oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te’in. 4 Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela’aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te’e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te’uu ti. 5 Bara durii haadhotiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seefatteerti. 6 Isaan akkuma Saaraan Abrahaamiin, «Goottaa kiyya» jedhaa ajajanteef ajajamane. Isinille amma dansaa godhaa waan tokkolle yoo sodaatuu dhaddane ijoollee isi’ii ti.

Veja também