Gorsa Worra Kolbaa Waaqaa Bulchuuf Kenname
1 Ani akkuma isaanii jaarsi wolde’a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu’uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde’a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa. 2 Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te’in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa’a; bu’aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te’in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te’uu ti. 3 Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te’iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te’in.