11 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Ani achiin waan dabaruuf, goda keessaa bayiitii gaara gubbaa na dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba qilleensi jabaan hunnaamessi Mootii Waan Maraa duratti gaara dhodhoosee, rassaa butuche; Mootiin Waan Maraa ammoo qilleensa san keessa hin jiruuyyu; qilleensaan duuba latti tachoote; Mootiin Waan Maraa ammoo tacho’a lafaa san keessa hin jiruuyyu.
Publicidade