Gorsa Daawiti Solomooniif Kenne
1 Daawiti yennaa du’iisa geye, ilma ifii Solomoon waamee, itti gorsee, 2 «Yennaan ani du’u geetteerti; jabaadhu; nama shenicha te’i. 3 Addee ati dhaxxu maratti, wonni ati gootu duudiin akka si’iif milkoottu, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si irraa barbaadu muummessi; karaa isaa irra ideemi; akkuma Seera Muuse’ee keessatti barreeffante, sirna, ajaja, seeraa fi seerata isaa eegadhu. 4 Mootiin Waan Maraa, ‹Sanyiin teeti gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti’iin addatamumma’aan ifi eegattee fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami mootii te’ee, barcumaa mootummaa Israa’elii irra tee’u hin dhabamu› jedhee waadaa naaf gale hin muummessa.