5 Halkan san achitti Mootiin Waan Maraa oojju’uun Solomoonitti mudhatee, «Akka si’iif kennu waan barbaaddu na gaafadhu» jedhe.
6 Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma’aan, balchumma’aa fi qajeelumma’aan si dura waan deddeebi’eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee’u isaaf kenniteerta. 7 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani tajaajilaan keeti addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii akka te’u gooteerta; ani ammoo ijoolle’e; attam akka bulchanulle hin beeku. 8 Kunoo ani tajaajilaan keeti, kolbaa ati filatte bindillaa laakkowanee hin dhaqqanne odduu jira. 9 Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu’uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti’ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te’in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande’a ree?» jedhe.
10 Solomoon tana waan gaafateef Mootiin Waan Maraa gammade. 11 Maarre Waaqi Solomooniin, «Ati ifiif bara dheeraa le’iisaaf yookiin duroomiisaaf yookiin diinoti keeti akka du’anuuf adoo hin te’in, muraa haqaa kenniisaaf qarummaa waan na gaafatteef, 12 ani waan ati na gaafatte siif hin godha; qarumma’aa fi hubantii nami tokkoolle tanaan qara hin qanne yookiin haganaa achille dhaggatuu hin dandeenne si’iif hin kenna.