11 Saamu’el ammoo, «Wonni ati hujje maan?» jedhee isa gaafate. Saa’olille deebisee, «Kolbaan akka na biraa bittinnowiisatti jirtu, atille guyyaa hin dhufa jettetti akka dhufaa hin jirre, worri Filisxeemotaalle Miikmaashitti akka wolitti qabamane yennaa dhagge, 12 ani, ‹Worri Filisxeemotaa na loliisaaf gara Giilgalii gad hin dhufan, anille haga ammaa qarqaarsaaf, Mootii Waan Maraa hin gaafanne!› jedhee herrege. Tanaaf, kennansa gubamu dhikeesse» jedhe.