Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamu'elii 16

11 Maarre inni Iseyiin, «Ilmaan teeti tanuma calla’aa?» jedhee gaafate.

Iseyille, «Maandhich isaan maraa hin dhunne; inni hoolee tissiisatti jira» jedhee deebise;

Saamu’elille, «Haga inni dhufutti nuuti waan gad hin teenneef, itti ergiitii isa fichisiisi!» jedhe. 12 Tanaaf inni nama itti ergee isa fichisiise; innille diimaa, nama miidhagaa ila kuulle’ee ti. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saa’oliin, «Nami ani filadhe isa kana; ka’iitii isa muudi!» jedhe. 13 Saamu’elille gaafa Zayiti’iin guutame fuudhee obboleeyyan isaa duratti isa muude; guyyaa sanii jalqabee Ayyaanni Mootii Waan Maraa Daawiti irratti bu’e; achiin duuba Saamu’el gara Raama’aa deebi’e.

Veja também