Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamu'elii 2

Ilmaan Eli’ii Ta Bu’aa Hin qanne

12 Ilmaan Eli’ii ilmaan bu’aa hin qanne; isaan Mootii Waan Maraa hin beenne. 13 Yennaa nami tokko ciincaa dhikeessu aadaa hayyooti kolbaa woliin qaddutti jira; foon ciinca’aaf dhikaate yennaa iffeelamu tajaajilaan hayyichaa filaa foonii ka quba sad qabu qabatee dhufa; 14 inni filaa foonii san okkotee foon itti iffeelamu san keessa keyee waan filaan sun baase mara hayyichi ifiif fudhata; isaan Israa’eloota gara Shiilo’oo dhufane mara irratti tanuma godhan. 15 Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha.

16 Nami sun isaan, «Qara isaan moora gubanuu ti; achiin duuba haga barbaadde fudhadhu» yoo isaan jedhe, tajaajilaan hayyichaa, «Waawwo’o, ammuma kenni! Yoo didde hunnaan fuudha» jedhaayyu.

17 Ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikaatu waan tuffataneef, cubbuu ilmaan Eli’ii tun Mootii Waan Maraa duratti guddoo teete.

Veja também