Publicidade

1 Samuel 6

Saanduqi Gondooro’oo Gara Israa’elii Deebi’e

1 Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa ji’a torba biyya Filisxeemotaa ture. 2 Achiin duuba Filisxeemoti hayyoota ifiitii fi worra moru waamanee, «Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan maraa maan goona? Addee isaatitti attam akka deebinnu mala nutti hima’a!» jedhane. 3 Isaanille, «Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii yoo deebittane, kennansa sababa yakka’aatiif kennamu woliin deebisa’a malee duwwaa hin ergina’a. Achiin duuba isin hin fayyitan; innille maaf akka isin adabe hin beettan» jedhane.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-