Dhufa Gootta’aatiif Qophowa’a
1 Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu. 2 Guyyaan Gootta’aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan.5:2 Mat. 24:43; Luq. 12:39; 1 Phex. 3:10 3 Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu. 4 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu’uu isinitti hin dhufu. 5 Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya’aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti.