18 Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete. 19 Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulle’eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.
20 Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu’oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama’a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.