6 «Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata» yaada jedhu qaabadha’a. 7 Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin. 8 Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa’aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande’a. 9 Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
«Worra hiyyeeyyi’iif arjoomaan kenne;
balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti» jedhu.
10 Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa9:10Midhaan arjummaa: Balchummaa teessaniille hin fakkansa. 11 Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa. 12 Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te’in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha.