15 Inni, «Isin worri Yihuda’aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu martinuu, atille Yoshaafaaxii mooticha caqasa’a! Mootiin Waan Maraa, ‹Lolli kun ka Waaqaa ti malee, keessanii motii, isin loltoota guddoo bindillaa tana dhaggitanee sodaattanee hin rifatina’a. 16 Boru gad bu’a’aatii isaan lola’a! Kunoo, isaan goodda Ziizii ol bayanee dhufan; dhuma dhooqa fuullee Yeru’elii lafa goomole’eetitti isaan hin dhaggitan. 17 Isin lola kana keessa loluu hin barbaachisu. Addee qabadha’aa, jabaadha’aa dhaabbadha’aatii, baasiisa Mootiin Waan Maraa akka isin baasu ilaala’a! Isin ee worra Yihuda’aatii fi worra Yerusaalemii! Hin sodaatina’a, hin rifatinaalle’e! Mootiin Waan Maraa isin woliin waan jiruuf, boru baya’aa deema’aatii isaan lola’a› jedha» jedhe.
Publicidade