Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Dabarsi'i 3

Solomoon Galma Ijaare

1 Achiin duuba Solomoon Yerusaalem keessatti gaara Moriiyaa irratti, addee dur Mootiin Waan Maraa abbaa isaa Daawititti mudhatetti Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe; Daawiti addee Mootiin Waan Maraa isatti mudhate sanitti eeddummee Ornaanii nama biyya Yibusootaa keessatti Galma Waaqaa ijaariisaaf qophowe. 2 Solomoon mootii te’ee woggaa arfeesso’oo, ji’a lammeesso’oo keessa, guyyaa lammeesso’ootitti Galma Waaqaa san ijaariisa jalqabe. 3 Galmi Waaqaa ka Solomoon ijaariisa jalqabe, mikii3:3 Mikii: Meeshaan miki’ii ka bara durii ciqile’e. bara durii dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama. 4 Soroon isaa karaa fuula duraatiin, akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, ol dheerinni isi’iille ciqilee dhibbaa fi diddama; inni keessa isi’iille worqii qulluu itti gonfe. 5 Kolloon guddittiin Galma sanii muka hindheensaatiin ijaarantee, worqiin qulluun itti gonfantee, fakkiin muka meexxi’iitii fi haachabaa irratti kaafamane. 6 Mootichi Solomoon Galma san dhakaa gatii guddo’ootiin miidhasse; worqiin inni ittiin seese sun worqii biyya Faarwaayimii ti. 7 Maarre inni buusaa heellichoo Galmaa, keessa isaa, dhaaba isaa, saanqa’aa fi mikikkila balbalaa isaa mara worqii itti gonfee, fakkii dada ol-gubbaaa ta koola qaddu dhaaba isaa irratti kaase. 8 Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi’ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi’iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi’ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe. 9 Mismaarri worqi’ii gara giraama dhibba shanii fi torbaatamaa ti; inni kolloota mana mana irraalle worqii itti gonfe.

10 Inni Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti fakkii dada ol-gubbaaa ta koola qadduu lama muka irraa hujisiisee, worqii itti gonfe. 11 Dheerinni koola dada ol-gubbaaa ta koola qadduu sun ta lamaaniituu wolumatti ciqilee diddama; koolli dada ol-gubbaaa ta koola qadduu ta tokkeesso’oo gara tokkoon ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille’een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubbaaa ka lammeesso’oo bira geya. 12 Koolli dada ol-gubbaaa ta koola qadduu ka lammeesso’oo, koolli tokkochi ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille’een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubbaaa ka tokkeesso’oo biralle geya. 13 Dadi ol-gubbaaa ta koola qaddu sun koola ifii Galma keessa ciqilee diddama diriirsanee, kolloo guddittii Galma saniititti fuula galanee miila ifiitiin dhaabbatan. 14 Mootichi Solomoon Addee irra caalaa Woyyittii saniif gollaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille’ee, bifa diima’aa quncee talba’aa dansaa irraa hujee fakkii dada ol-gubbaaa ta koola qadduu irratti huje.

Utuboota Sageettu’uu Lama

15 Mootichi Solomoon utuboota ciqilee soddomii shan dheeratanu lama Galma Waaqaa duratti hujisiise. Mataa utuboota sanii tokko tokkoo isaanii irratti guutuu ciqilee shan shan dheerattu hujisiise. 16 Inni haachaba wolitti xaxee miidhassee, qaccee utuboota sanii irra keyee, midhaan, «Muka rumaan» jedhamuu dhibba hujee haachaba saniin wolitti qassiise. 17 Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita’aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita’aa jiru, «Bo’az» jedhee moggaase.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também