Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Dabarsi'i 20:3,4,15,17,22

3 Achiin duuba Yoshaafaaxiin mootichi sodaatee Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf murteeffatee, lafa Yihuda’aa mara keessatti akka laamanu ajaja baase. 4 Kolbaan Yihuda’aa Mootii Waan Maraa qarqaarsa gaafatiisaaf, qachoota lafa Yihuda’aa mara keessaa wolitti qabamane.

15 Inni, «Isin worri Yihuda’aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu martinuu, atille Yoshaafaaxii mooticha caqasa’a! Mootiin Waan Maraa, ‹Lolli kun ka Waaqaa ti malee, keessanii motii, isin loltoota guddoo bindillaa tana dhaggitanee sodaattanee hin rifatina’a. 17 Isin lola kana keessa loluu hin barbaachisu. Addee qabadha’aa, jabaadha’aa dhaabbadha’aatii, baasiisa Mootiin Waan Maraa akka isin baasu ilaala’a! Isin ee worra Yihuda’aatii fi worra Yerusaalemii! Hin sodaatina’a, hin rifatinaalle’e! Mootiin Waan Maraa isin woliin waan jiruuf, boru baya’aa deema’aatii isaan lola’a› jedha» jedhe.

22 Yennaa isaan faarfataa leellisiisa jalqabane, Mootiin Waan Maraa worra Yihudaa loliisa dhufane worra Amoonii, worra Mo’aabiitii fi worra gaara Se’iiriititti riphee lolu itti fidee akka isaan injifatamanu godhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.