12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa halkaniin isatti mudhatee, «Ani daadimata keeti dhage’eera; Galmi kunille addee ciincaa naaf itti dhikeessanu akka te’uuf filadheera. 13 Ani bokkeenni akka hin roonne ol-gubbaa yennaa cufu yookiin awwaannisi midhaan keessan akka fixu yennaa ajaju yookiin kolbaa tiyya irratti balaa yennaa buusu, 14 kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage’a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa. 15 Ilti tiyya gara daadimata addee tanaa hin ilaalti; gurri kiyyalle isii hin caqasa.
Publicidade