Mootittiin biyya Sheebaa Solomoon Dhaxxee Ilaalte
1 Mootittiin biyya Sheeba’aa gurra Solomoonii dhageettee, gaaffii rakkittuu isa gaafatiisaaf gara Yerusaalemii dhutte. Isiin namoota hedduu qabattee uddowaa adda addaa, worqi’ii fi dhakaa gatii guddo’oo bacaa gaalotatti feesifattee dhuttee, yennaa Solomooniin wol dhaggite, waan gadhaa ifiititti yaadatte mara isa woliin dubbatte. 2 Solomoon waan isiin gaafatte maraaf deebii kenne; wonni inni isi’iif deebii kennuu dadhabe takkaalle hin jirtu. 3 Mootittiin biyya Sheeba’aa qarummaa Solomooniitii fi mana mootumma’aa ka inni ijaarelle yennaa dhageette, 4 isiin sagalee qorii isaatitti dhikaattu, akka qondaaltoti isaa itti tee’anu, akka tajaajiltooti isaa tajaajila isaaf kennanuu fi akka isaan uffana ifii itti uffataneeranu, akka Solomoon Galma Waaqaa keessatti ciincaa itti dhikeessu yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte.
5 Isiin mootichaan, «Marroo hujii teetiitii fi marroo qarummaa teetii wonni ani biyya tiyya keessatti dhage’e dhuga’a. 6 Ani haga ifumaafuu dhufee dhaggutti waan natti himane hin dhugeeffanne. Ani qarummaa teeti gamisaayyuu hin dhageenne. Ati ta kolbaan jettuuyyuu hin caalta. 7 Namooti keeti worri si tajaajilanu attam attam ka hiree dansaa qabanu! Qondaaltoti teeti worri yennaa mara si dura dhaabbatanee, qarummaa teeti dhage’anu attam attam ka badhaadhane! 8 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka si jaalatee, barcumaa mootumma’aa ka ifii irra si teessisee, akka ati bulchituuf mootii ka si godhe leellifamuu ti. Inni kolbaa ifii Israa’el waan jaalatuuf haga bara baraa akka isaan le’anu waan fedhuuf, ati haqa akka murtuu fi balchummaa akka hujju isaan irratti mootii si godheera» jette.