8 Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina’a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti. 9 Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
10 Guyyaan Gootta’aa ammoo akka hattu’uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo’oon dhidhinti; dadi ol-gubba’aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi.