Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Reis 6

Agaraan Bisaan Gubba’atti Ol Baye

1 Korri raagotaa, Elsaa’iin, «Addeen nuuti si woliin le’iisatti jiru guddoo nutti dhipho’o. 2 Gara laga Yordaanosii dhandhee, muka murannee, mana keessa leenu akka ijaarannu nuuf eeyyam» jedhane.

Elsaa’ille, «Dhaqa’a» isaaniin jedhe.

3 Achiin duuba raagota keessaa tokkochi, «Maganne’e, atille nu tajaajiltoota teeti woliin hin dhaxxuu?» jedhe;

Elsaa’ille, «Hin dhaqa» jedhee, 4 woliin deemane. Isaan yennaa Yordaanos geyane, muka muruu jalqabane. 5 Isaan keessaa tokkochi adoo muka muruu, agaraan buqqa’ee bisaan keessa bu’e. Inni iyyee, «Hoola! Goottaa kiyya agaraan ka ergisa’aa ti» jedhe.

6 Nami Waaqaa Elsaa’i, «Eessaan bu’e?» jedhee gaafate.

Namichi addee agaraan bu’e Elsaa’itti yennaa mudhise, inni muka tokko muree achi bisaan keessa buusee, akka agaraan bisaan gubba’atti bayu godhe. 7 Elsaa’i, namichaan, «Baasiitii fudhadhu» jedhe; namichille hiixatee fudhate.

Veja também