10 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa san gara qachaa ifii geessiisa waan hin barbaanneef, gara mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii geesse. 11 Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii keessa ji’a sad ture; Mootiin Waan Maraalle Obed-Edoomii fi maatii isaa mara eebbise.
12 Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda’aan fide.