Phawuloos Ximootewoos Jajjabeesse
3 Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkanii fi guyya’aa keessatti yennaa si qaabadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu’uun tajaajilu hin galateeffadha. 4 Imimmaan teeti qaabataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada. 5 Dhugeeffannaa dhuga’aa ta ati qaddu hin qaabadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo’isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera.